Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaatti Sirni Faayinaansii Diijitaalaa guddina olaanaa galmeessaa jira – Obbo Maammoo Mihiratuu

Finfinnee, Bitootessa 27, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti Sirni Faayinaansiin Diijitaalaa guddina olaanaa galmeessaa jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Maammoo Mihiratuun ibsaniiru.
Mariin Sirna Faayinaansii Diijitaalarratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Bakka Buutoonni dhaabbilee Maallaqaa biyya keessaa fi alaa marii kanarratti argamuu ibsameera.
Uwwisa Tarsiimoo Faayinaansii Diijitaalaa, Nageenyummaa, saffisaa fi jijjiirama damichaan jirurratti muuxannoo waljijjiiruuf waltajjii qophaa’e ta’uu eerameera.
Sirni Faayinaansii Diijitaalaa Guddina Diinagdee hunda galeessaaf qooda olaanaa qabaachuu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Obbo Mammoo Mihiratuun himaniiru.
Mootummaan Sona Sirna Faayinaansii Diijitaalaa babal’isuun bu’uuraalee misooma Teeknooloojii barbaachisaa ta’e guutuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa Sirni Faayinaansii Diijitaalaa guddina olaanaa agarsiisaa jiraachuu eeraniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.