Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa dabalatee biyyoota guddinarra jiran 65 fayyadamoo kan taasiisu tooftaan daldalaa ifoome

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2015 (FBC) – Biriitaaniyaan Ityoophiyaa dabalatee biyyoota guddinarra jiran 65 fayyadamoo kan taasiisu tooftaan daldalaa ifoomsite.

Sirni jalqabbii isaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Tooftaan daldalaa haaraan kun biyyoota guddinarra jiraniif daldala qaraxaa kan hambisu ta’uu Ministirri Daldalaa Idil Addunyaa Biriitaaniyaan Niigal Huudistoon ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen oomishaaleen gara Biriitaaniyaanitti erganirraa waggaan Paawundii biiliyoona 20 fayyadamoo ta’u jedhan.

Tooftichi oomishaalee Korporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkii keessaatti oomishaman haala salphaan qaraxarraa bilisaan gara Biriitaaniyaanitti erguuf kan dandeessisu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinichaa Akliluu Taaddasaan ibsaniiru.

Tooftichi hariiroo waloo daldalaa uumuun Indaastiriiwwan Oomishaa jajjabeessuurra darbee guddinni diinagdee biyya keessaa akka saffisu kan gargaaru ta’uu Komishinarri Komishinii Invastimantii Laliseen Nameen ibsaniiru.

Biyyoota fayyadamoo tooftichaa ta’an 65 keessaa 37 biyyoota Afrikaa ta’uu ibsameera.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.