Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaan sirna guumruukaa ammayyeessuuf waliigalan

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Ityoophiyaa fi Chaayinaan sirna guumruukaa ammayyeessuuf waliigalan.

Ministirri Ministeera Galiiwwanii FDRI aadde Adaanach Abeeben, hoggansa ministira Bulchiinsa Guumruukaa Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Marichaanis daldala seeran alaa, dawaa sammuu nama addoochu to’achuurratti xiyyeeffataniiru.

Dabalataan sirni guumruukaa ammayyeessuun bifa danda’amurratti mari’ataniiru.

Sirna guumruukaa ammayyeessuuf waliigaltee odeeffannoo waljijjiiruu magaalaa Finfinneetti mallattaa’e hojiirra oolchuurratti mari’ataniiru.

Koreen teekniikaa waloo hundaa’uun akka hojiitti galus waliigalameera.

Deeggarsa tajaajila teeknooloojii ni laatas jedhameet eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.