Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Ingiliz misooma Daldalaa fi Invastimantiirratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Ingiliz misooma Daldalaa fi Invastimantiirratti waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqal Caalaa fi Ministirri Ministeera Daldala Idil Addunyaa Ingiliz Niigal Haadilistan waliigalticha mallatteessaniiru jedhame.

Waliigaltichi tattaaffii fi qophii hunda galeessa Ityoophiyaan miseensa dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf taasiisaa jirtu gama teeknikaa fi faayinaansiin tumsa taasiisuuf kan gargaaru ta’uu Obbo Gabramasqal Caalaan eeraniiru.

Niigal Haadilistan gama isaaniin, Ityoophiyaa fi Ingiliz hariiroo seenaa qabeessa bara dheeraa qabaachuu eeruun, kallattii hundaan deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophummaan jiraachuu himuu ragaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.