Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Somaaliyaan Shororkeessummaarratti qabsaa’uuf waloon hojjechaa jiru-Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa

Finfinnee, Guraandhala 12, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Somaaliyaan shororkeessummaarratti qabasaa’uuf waloon hojjechaa jiraachuu Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Abshir Omaar Huruusii ibsan.

Ministirichi Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 36ffaarratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, biyyoonni lameen dameewwan walta’iinsaa hedduurratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaa fi Somaaliyaan dameewwan dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan hariiroo cimaa qabaachuu kaasanii, hariiroon walta’iinsaa kun itti fufiinsa akka qabaatuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Yaa’ii gamtichaa cinaattis dhimmoota gama lameeniirratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministiraa Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin waliinis mari’achuu kaasaniiru.

Ityoophiyaan garee shororkeessitootaa Somaaliyaa ittisuun nagaa fi tasgabbiin akka mirkanaa’u tattaaffii taasisaa turuu yaadachiisanii, biyyoonni lameen shororkeessummaarratti qabsaa’uuf waloon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Fayyadamummaa waloo ummattootaa mirkaneessuufis fuulduratti biyyoonni lameen hariiroo walta’iinsaa isaanii cimsanii akka itti fufan ibsuu TOI gabaaseeara.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.