Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 7.6 mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Xaaliyaaniin waliigaltee deeggarsa Yuuroo miiliyoona 7.6 mallatteessaniiru

Waliigaltechaas Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agostiinoo Paalese fi Ityoophiyaatti Daayrektara Biiroo Tajaajila Pirojektootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNOPS) Warqinash Mokonniin mallatteessaniiru.

Deeggarsi Yuuroo miiliyoona 7.6 mallatteeffames fooyya’iinsa eegumsa fayyaa naannolee Afaar fi Naannoo Sabaa fi Sabalammoota Ummatootaa Kibbaatti fooyya’iinsa fayyaa damee hedduu taasisuuf kan oolu ta’uun ragaan UNOPS irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.