Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa hunduu nagaan keessa jiraatuu fi dachee lalistuu taasisuuf waliin haa dhaabbannu-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa hunduu nagaan keessa jiraatuu fi dachee lalistuu taasisuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf waliin haa dhaabbannu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad guyyaa juma’aa ilaalchisuun ergaa gama feesbuukii isaaniin dabarsaniin, hawaasni musliimaa guyyaa nageenyaa biyyaaf kadhatan, ashaaraa dhalootaaf hafuu kaa’an akka ta’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

Guyyaan har’aa hawaasni musliimaa lubbu isaa dhiifaman, laphee qulqullaa’aan, Masjiidatti kan walitti qabamu guyyaa jaallatamaadha jedhan.

Kanaaf, Ityoophiyaa hundu nagaan keessa jiraatuu fi dachee lalistuu taasisuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf waliin haa dhaabbannu jechuun dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.