Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ajandaan fooramii Afrikaa akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisaa ni taasifti-obbo Gadduu

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan ajandaan fooramii Afrikaa akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisaa akka taasiftu Ministirri Minsteera Dhimma Alaa obbo Gadduu Andaargaachaw ibsan.

Waltajjiin raawwii hojii mana maree Gamtaa Afrikaa 37ffaan viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameera.

Waltajjicharratti baajata bara 2021 gamtichaa, ajandaa fooramii, karoora ce’umsaa komishinii gamtaa Afrikaa fi imaammata faayinansi akkasumaas dhimmota biroorratti guyyoota lamaaf mar’achuun murtoo ni dabarsuu jedhameet eegama.

Weerara vaayrasii koroonaa fi dandeetti diinagdee miseensaa biyyoota yaada keessaa galchuun komishinichi dhimmoota baajata barbadaaniif dursa laachuun xiyyeeffannoon ni hojjeeta jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.