Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Fiigicha guddaarra jirti – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 15, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fiigicha guddaa Ityoophiyaa 21ffaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsaniiru

Fiigichi guddaan kun Ityoophiyaaf faayidaa fayyaa, bashannanaa fi diinagdee caalu qaba jedhan.

Sababni isaas Ityoophiyaan fiigicha guddaarra waan jirtuufi jechuun ibsan.

Ityoophiyaan hiyyummaa, duubatti hafummaa, walitti bu’iinsaa fi waraana, walqooduu fi waldhiibuu dubaatti gadatuun badhaadhinaa fi qaroomina, nageenyaa fi waldanda’uu, tokkummaa fi walii galtee mirkaneessuuf gara fuulduraatti fiigaa jirti jedha.

Ispoorteessaan tokko moo’achuuf ga’umsa qaamaa, qophii ga’aa, namuusaa fi iddoo fiigichaatti yeroon argamuu qaba.

Ityoophiyaanis fiigicha badhaadhina daandirraa Ida’amuu jedhamuun meedaaliyaa argachuuf fiigaa jirti jechuun ibsan.

Ityoophiyaa ga’umsaa qaamaa gaarii, qophii xinsammuu fi yaadaa ishee barbaachisa jedhan.

Injifannichaaf hidhannoon teeknooloojii murteessaadha, qaamolee badiirraa of eeguuf namuusa gaarii biyyaalessaatu barbaachisa jedha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.