Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan fooramii magaalota addunyaa 10ffaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan fooramii magaalota addunyaa 10ffaarratti hirmaachaa jirti.
 
Jilli Ityoophiyaa ministira Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammadiin duurfamu fooramicharratti hirmaachaa jira.
 
Fooramiin magaalota addunyaa 10ffaan Emmireetota Arabaa Gamtooman Abudaabiitti kaleessa gaggeeffamuu eegaleera.
 
Fooramicharrattis jilli Ityoophiyaa Injiinar Ayishaa Mahaammadiin duurfamu hirmaachaa jira.
 
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti daayreektara olaanaa “UN Habitat” Maaymuunaa Mohaad Shariif dabalatee, ministiroonni biyyoota addaddaa, hoggansi misooma magaalotaa, kantiibonnii fi hayyoonni hirmaachaa jiru.
 
Waltajjii torbee tokkoof turu kanarratti marii, agarsiisni, muuxannoo waljijjiirraan ni gaggeeffama.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.