Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan investimentii alaa ofitti hawwachuun Baha Afrikaarraa adda duree taate

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan investimentii alaa ofitti hawwachuun Baha Afrikaarraa adda duree akka taate, dhaabbanni gorsaa faayinaansi EY jedhamu gabaasa bara Faranjoota 2019 beeksise.

Ityoophiyaan investimentii alaa ofitti hawwachuun naannicharraa sadarkaa 2ffaarraa kan teesse Keeniyaa dacha sadiin caaluun adda duree taatetti jedha gabaasichi.

Dhaabbanni gorsaa faayinaansi EY akka beeksisetti Ityoophiyaan investimentii alaarraa Doolaara biiliyoona 7.17 ofitti hawachuu kan dandeesse yoo ta’u Keeniyaan ammoo Doolaara biiliyoona 2.04 ofitti hawwachuu dandeessetti.

Biyyoota lamaanitti aanuun Taanzaaniyaan Doolaara biiliyoona 1.02 investimenti alaa ofitti hawwachuu dandeessetti.

Gabaasichi sanada investimenti alaa Ruwaandaa fi Yuugaandaa akka hin haammanne ibseera.

Ogeessi odiiti gorsaa faayinaansi EY Firaansiis Kamaa’uu akka himetti Ityoophiyaa dhiyeessi elektirikii fi tajaajiila daandii qilleensaa ga’aa ta’e dhiyeessuun biyyoota biroorraa addatti dorgomaaishee taasiseera jedha.

Gabaasichi dabalataan biyyattiin gabaa biyyaa keessa bal’aa ta’ee fi diinagdee adda ta’e dhiyeessuun filaannoo biraa uumeera jedha.

Maddi:- Biiznasii Deeylii

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.