Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Jibuutiif biqiltuuwwan gosa adda addaa kuma 40 ol ergite

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Ityoophiyaan biyya ollaa ishee Jibuutiif biqiltuuwwan gosa adda addaa kuma 40 ol ergiteetti.

Olla Jibuutiitti kan argamtu magaalaan Dirree Dawaan biqiltuu kana kan qopheessite yoo ta’u,  guyyaa har’aa bakka kantiibaan magaalichaa obbo Kadiir Juhaarii fi hoggantoonni biroo argamanitti biqiltuuwwan kanneen Jibuutiitti ergamaniiru.

Baha Ityoophiyaatti kan argamtu magaalaan Dirree Dawaa Jibuutii waliin waggoota  dheeraaf  walitti dhufeenya daldalaa kan qabduudha jedhan Obbo Kadiir.

Walitti hidhamiinsa Jibuutii waliin gama daldalaan  ture gama misoomaatiinis cimsuuf bara kana kallattii Muummeen Ministeera Abiy Ahmad kaa’aniin biqiltuu kuma 200 erguuf karoorfamee fedhii gama Jibuutirraa dhiyaateen biqiltuuwwan kumni 40  erguun danda’ameera jedhan.

Dirree Dawaan Jibuutiif ollaa ta’uu isheetiin haala qilleensaa walfakkaataa waan qabaniiif  jijjiirama qilleensaa irratti waliin hojjechuuf qophiidha kan jedhan ammoo Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo bosonaa fi jijjiirama Qilleensaa Bulchiinsa Dirre Dawaatti Daayrektera Daayroktereetii kunuunsaa fi misooma bosonaa obbo Masirashaa Yimaar.

Bara kana Ityoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 7 qopheessite keessaa biqiltuuwwan biiliyoonni 1 biyyoota ollaaf erguun ishee ni yaadata.

Nageessoo Kadirtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.