Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan nageenya gaanfa Afrikaaf biyya murteessaa taatedha jedhame

Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)-  Jarmmanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Muluu Salamoon Ministeera Dhimma Alaa Jarmanitti Jeneraal Daayrektara Dhimmoota Afrikaa, Giddugala Bahaafi Laatiin Ameerikaa Dooktar Kiristiyaan Baak waliin mari’atan.

Haalli nageenya Ityoophiyaa tasgabbaa’aafi fooyya’aa jiraachuu Ambaasaaddar Muluun marichaan eeraniiru.

Nageenya waaraa fiduuf marii biyyaalessaa hunda hirmaachise gaggeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu akkasumas dhimma guutiinsa bishaanii marsaa 3ffaa Hidha Haaromsa Guddichaarratti ibsa laataniiru.

Lammiilee rakkoolee garaagaraan miidhamaniif deeggarsi namoomaa kan barbaachisu ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan biyyoota rakkoo keessa jiran gargaaruuf Humna Nageenya Kabachiisaa bobbaasuun ga’eeshee ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Dooktar Kiristiyaan Baak gamasaaniin, Ityoophiyaan nageenyaafi tasgabbii gaanfa Afrikaaf biyya murteessaa akka taate Jarman kan hubattu ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.