Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan nageenya Somaaliyaaf gatii guddaa kaffalteerti – Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan hariiroo waloo fi tumsa naannawaa Somaaliyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.
Hariiroo fi tumsi naannawaa biyyoota lamaanii cimuun tasgabbii fi nageenya naannichaa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Ityoophiyaa fi Somaaliyaan hariiroo dippiloomaasii fi walitti dhufeenyaa ummataa bara dheeraa lakkoofsiise biyyoota qaban ta’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.
Tumsi diinagdee, siyaasaa fi misoomaa biyyoota lamaanii bu’uura cimaarratti kan hundaa’e ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaan nageenya Somaaliyaaf gatii olaanaa kaffaluu ishee himaniiru.
Somaaliyaan filannoo haqa qabeessaa fi Diimookiraatawaa gaggeessuun ce’umsa aangoo nagaa qabeessa taasisuu ishee Ityoophiyaan ni dinqisiifatti jedhan.
Adeemsi filannoo Somaaliyaa kun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenyaa gaarii ta’uu akka qabu himaniiru.
Ityoophiyaan hariiroo hunda galeessa Somaaliyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf Preezdaantii Haaraa biyyattii ta’uun kan filataman Preezdaant Hasan Sheek Mahaammad waliin kan hojjettu ta’uu dubbataniiru.
Yeroo itti aanus biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf mootummaan Ityoophiyaan Preezdaant Hasan Sheek Mahaammadiif tumsa barbaachisu ni taasiisa jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.