Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan rakkoolee walxaxaa dandamattee dhaabbacuu kan dandeesse tokkummaa fi aarsaa sabaa fi sablammootaatiin-Ordiin Badrii

Finfinnee, Sadaasa 22, 2015(FBC)- Ityoophiyaan rakkoolee walxaxaa dandamattee dhaabbacuu kan dandeesse tokkummaa fi aarsaa sabaafi sablammootaatiin Jedhan Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii.

Guyyaan sabaa fi sablammoota Itoophiyaa 17ffaa akka Naannoo Harariitti mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa nageenya waaraaf ” jedhuun kabajameera.

Waltajjicharratti Obbo Ordiin akka jedhanitti, sabaa fi sablammootaa Itoophiyaa calaqqee tokkummmaa, jaalalaa fi nageenya lammiilee Itoophiyaati.

“Afaan, aadaa fi baay’inni keenya bareedina keenya” kan jedhan Obbo Ordiin, garaagarummaa kanaan osoo wal hinqoodin tokkummaan keenya cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Obbo Sulxaan Abdusalaam gama isaaniin, sabdaneessummaan keenya bareedina keenya ta’uu bira darbee diinotaan akka sodaatamtu taasiseeras jedhan.

haaluma walfakkaatuun guyyaan sabaaf sablamootaa 17ffaan Bulchiinsa Magaalaa Diree Dhawaatti kabajameera.

Afyaa’iin mana maree Bulchiinsa Diree Dhawaa Aadde Fatiyaa Adam, Diree Dhawaan magaalaa sabaaf sablamoota tahuun kan beekamtu, magaalaa jaalalaa fi kabajaan waliin jiraachuun waggaa dheertuu lakkofsiisteedha jedhan.

Kabaja guyyichaarratti Afyaa’oonni naannolee gara garaa kan argamaniiru.

Nageessoo Kadiirii fi Kadiir Shamsuddiintu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.