Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan seenaa Islaamummaa keessatti bakki qabdu addunyaaf sirnaan beeksisamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan seenaa Islaamummaa keessatti bakki qabdu sirnaan beeksisuun diyaaspooraawwan maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaruu akka qaban Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa fi Walitti Qabduun Koree Waloo Sagantaa Iidii Hanga Iidii Ambaasaaddar Burtukaan Ayyanoo ibsan.

Qopheesummaa Koree Sagantaa Iidii hanga Iidii fi waltajjiin marii Ityoophiyaan gumaacha guddinaa amantii Islaamaaf taasistee addunyaatti beeksisuu haalota dandeessisanirratti xiyyeeffate Jimmaatti gaggeeffameera.

Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan qabeenyaalee gumaacha guddinaa amantii Islaamaaf taasiste qabduudha jedhan.

Qabeenyaalee kanneen sirnaan kunuunsuun addunyaatti beeksisuun maqaa gaarii biyyaa ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.

Pireezidaantiin Mana Maree Olaanaa Dhimmootaa Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Hajjii Tufaa Ibiraahiim gama isaaniin, Ityoophiyaan maqaa gaarii Quraana keessatti qabdu olaana ta’us, kun sirnaan beeksifamuu dhabuu yaadachiisaniiru.

Seenaa amantii Islaamaa keessatti bakka Ityoophiyaan qabdu hawaasni diyaaspooraa addunyaarra jiru seenicha sirriitti hubachuun akka beeksisu waamicha dhiyeessaniiru.

Itti Aanaan Daayrektaraa Eejensii Diyaaspooraa Dooktar Mahaammad Indiriis gama isaaniin, hawaasni diyaaspoora gara biyyaa akka dhufu waamichi taasifamuun, diyaaspooraan duudhaalee aadaa, seenaa fi amantaa caalaatti beekee addunyaatti akka beeksisuuf ta’uu ibsan.

Musiliimonni Ityoophiyaa, Ityoophiyaarra darbanii biyyoota Giddugala Bahaa fi biyyoota birootti gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu ibsanii, qabeenya kana biyyaaf akkataa fayyaduun beeksisuuf diyaaspooraa waliin ciminaan hojjechuu barbaachisa jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.