Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan tokkummaa ardii Afrikaa cimsuu keessatti gahee adda duree taphachuu itti fufti – Dooktar Biqilaa Hurisaa

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) –Ityoophiyaan tokkummaa Ardii Afrikaa cimsuuf gahee adda duree taphachuu itti fufti jedhan Waajjira Muummee Ministiraatti Ministirri Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurisaan.

Sagantaa obbolummaa biyyoota Afrikaa gidduu jiru daraan cimsuurratti xiyyeeffate qopheessummaa Ityoophiyaatti Imbaasii Burrundiin Finfinneetti gaggeeffameera.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Burruundii gidduu jiru kan bara dheeraa lakkoofsiise ta’uu fi biyyoonni lamaan dameewwan hundaan tumsaan kan hojjetan ta’uu Dooktar Biqilaan eeraniiru.

Ityoophiyaan tattaaffii ijaarsa nageenyaaf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Keessattuu tokkummaan Afrikaa fi walitti dhufeenyi waliinii sadarkaa olaanaa irra akka gahu Ityoophiyaan gahee adda duree kan baatu ta’uu dubbataniiru.

Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektarri jeneraalaa dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul gama isaaniin,walitti hidhamiinsa Afrikaa gama Diinaagdee fi hawaasummaan jiru cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Kaka’umsa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin gaggeeffamaa kan jiru sagantaa Ashaaraa Magariisaa guutuu Afrikaatti babal’isuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Burrundii Wiilii Nyaamiituuwwiin gama isaaniin, muul’ata Paan Afrikaanizimiin misoomaa fi tumsa Afrikaaf waloon hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni lamaan walitti dhufeenya dameewwan adda addaan qaban cimsuun galma itti fufiinsa qabuuf kan hojjetan ta’uu eeruu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.