Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walga’ii Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa dhugaa ishee itti ibsuuf itti fayyadamti- Ambaasaaddar Diina Muftii

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan Walga’ii Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa dhugaa ishee itti ibsuuf kan itti fayyadamtu ta’uu dubbi himaan  Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.

Walga’chaan dhimmoonni Vaayrasii koroonaa, haala talaallii Vaayrasii koroonaa, hojiilee kalaqa talaallii jajjabeessuu, baajata Gamtaa Afrikaa of dandeessisuu, haala qisaasama hir’iseen uwwisa baajata taasisuu, caaseffama gamtichaa sirreessuu jedhamanii ka’uu Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Ityoophiyaa taajjabuu isaatiif galateeffataniiru.

Hojiileen nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ityoophiyaa obbo Dammaqaa Mokonniniin ibsi itti kennameera.

Gamtichatti caasalee garaagaraarratti namoota filuu fi CDC jabeessuu irratti waaree booda irratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.

Beeniin imbaasii ishee Ityoophiyaatti banuuf fedhii akka qabdu ibsuu ishee Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Walga’iichaan cinatti Ityoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa fi haala yeroo naannoo kaaba Ityoophiyaarratti dhugaa jiru beeksisaa kan jirtu ta’uu ibsaniiru.

Qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhurratti Ityoophiyaan ejjennoo cimaa kan qabdu ta’uu ibsuun, qajeeltoo kanaan dhugaa ishee beeksisuun walga’icha akka carraa gaariitti itti fayyadamti jedhaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.