Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti muuxannooshee qoodde

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti muuxannoo qabdu biyyoota miseensa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatif qoodde.
 
Ityoophiyaan hojiilee ittisaa hojjettee fi rakkoolee ishee mudatan yaa’ii dhaabbatichaa viidiyoo koonfaransiin gaggeeffamerratti qooddetti.
 
Yaa’icharratti daayreektara olaanaa dhaabbatichaa Dooktar Teediroos Adihaanoom dabalatee ministiroonni biyyoota 194 irraa walitti babba’an hirmaataniiru.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan dhibeen COVID-19 weeararaa fi sodaa addunyaa jedhamee ega labsamee hojiilee ittisaa hojjechaa turuu ibsaniiru.
 
Seennii fi ba’iinsa daangaarratti, buufataalee lafoo fi daandii, akkasumas qilleensaatti hojiin adda baasuu, qorannoo fi yaaluu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Ebila 8,2012 eegalee labsii yeroo ariifachiisaa labsuudhan sochiin diinagdee akka hin gufannetti of eeggannoodhan, weeraricha ittisuurratti hojjetamuu kaasaniiru.
 
Jalqaba vaayrasicha qorachuuf qophiin kan hin turre ta’us, amma humna horatameen wiirtulee qorannaa 38 tajaajilli laatamaa jiraachuu kaasan.
 
Waldaalee damee fayyaa fi gorsaa garee diyaaspooraa 12 ta’an waliin hojiin deebii laachyuu hojjetamaa jiraan ibsan.
 
Fayyaa daa’immanii fi haawwanii mirkaneessuu, busaa, busaa keelloo, gifiraa fi koleeraa mudatanii turan ittisuudhan to’acuun danda’amuu ibsan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.