Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni lammiileef deeggarsa taasisuun dirqama amantaa akka bahatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Sababa balaawwan namtolchee fi uumamaan lammiilee miidhaaman Ityoophiyaanonni hundi deeggarsa taasisuun dirqama amantii isaanii akka bahatan abbootiin amantaa waamicha dhiyeessan.

Waamichichi kan dhiyaate “Lammiileef qaqqabuun dirqamaa amantii keenyaa haa bahannu” mata duree jedhuun dhimma haala yeroo biyyaarratti abbootiin amantaa wayita ibsa kennitti.

Ibsa isaaniin sababa waraanaan balaa umamuun walqabatee daa’imman, dubartoota maanguddootaa fi qaama miidhamtoota dabalatee lammiilee hedduun miidhaa hawaasummaa, diinagdee fi xiinsamuuf saaxilamuu, bu’uuraaleen misooma manca’uu, lammiileen qe’eerraa buqqa’uun ibsameera.

Haaluma kanaan lammiilee kanneen baraaruuf akkasumas nageenya biyyaa deebisuuf gufuuwwan hawaasummaa fi diinagdee akka furaman lammiileen Ityoophiyaa hunduu abbootiin amantaa gahee isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Abbootiin amantaa, hordoftoonni lammiilee rakkoolee kanneeniif saaxilaman qaqqabuun dirqama amantaa akka bahatan waamicha dhiyeessu ragaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan abbootiin amantaa Ministeera Maallaqaa waliin ta’uun lammilee balaa namtolchee fi umamaan miidhaaman maallaqa walitti qabuuf lakkoofsa herrega baankii, Baankii Daldala Ityoophiyaa 1000496459001 banamuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.