Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti afaanoota dhalootaa 50 oliin daa’imman barachaa jiru jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti afaanoota dhalootaa 50 oliin barumsi daa’immaniif laatamaa jiraachuu ibsmeera.
Guyyaan afaan dhalootaan dubbachuu 11ffaan magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Guyyaan afaan dhalootaan dubbachuu idil addunyaa bara kanaa Afaar magaalaa Samaraatti qophiiwwan garaagaraan kabajameera.
Ayyaanicharratti barreeffamni qorannoo 8 ol dhiyaachuun irratti mari’atamuu ibsameera.
Xumura kabaja ayyaanichaa booda hirmaattoonni giddugala godaambaa aadaa Afaar daawwachuun sagantichi golobamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.