Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoota 95 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 95 irratti vaayrasiin koroonaa argamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 5034 hojjetameera.

Vaayrasichi namoota 95 argamuu mirkanaa’era.

Namoonni 30 seenaa imala biyya alaa qabu .

Namoonni 4 namoota vaayrasichaan qabamaniin tuttuqqaa qabu.

Namoonni 61 ammoo tuttuqqaas ta’e seenaa imala alaa kan hin qabnedha.

Namoonni 56 magaalaa Finfinneedhaa.

Namoonni 3 naannoo Tigiraay.

Namoonni 5 naannoo Amaaraa.

Namoonni 3 naannoo Hararii.

Namoonni 2 magaalaa Dirre Dawaa.

Namoonni 3 Naannoo Somalee.

Namoonni 22 naannoo Oromiyaa.

Namni 1 naannoo Afaarii ta’uu himameera.

Koorniyaadhan dhiirri 71 yoo ta’an, dubartoonni 24.

Umriin isaanii waggaa 15 hanga 80 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Namoonni 94 lammiilee lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an namni 1 lammii Hindiiti.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 1063 ga’aniiru.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 8 ga’aniiru.

Namoonni haaraan 11 vaayrasicharra dandamataniiru.

Waliigalaan namnoonni 208 dandamataniiru.

Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 106,615 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.