Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Kompiiyuutaroota kuma 37 irratti haleellaa saayibarii raawwachuuf yaaliin taasiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti Kompiiyuutaroota kuma 37 irratti haleellaa saayibarii raawwachuuf yaaliin taasiifamaa jiraachuu Ejansiin Nageenya Odeeffaannoo ifoomse.

Gareen ‘Saayibar Hoorsa Gruup’ jedhamu vaayrasii Kompiiyuutaroota haaraa Ityoophiyaatti gadi lakkisuun haleellaa ragaa raawwachuuf qophii taasiisuu bira ga’amuu himameera.

Vaayrasii ‘Bilaak Praamiid waar’ jedhamuun moggaafame Kompiiyuutaroota kuma 37 irratti gadi lakkisuuf kaayyeeffamuu ibsameera.

Gareen kun Guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2ffaa waliin walqabatee fuulawwan biyya keenyaa garaagaraarratti yaalii haleellaa taasiisaa turuu beekkameera.

Yaa ta’uutii Ejansiin Nageenya Odeeffaannoo fayyadamoonni saayibarii hundi nageenyaa saayibariif of eeggannoo akka taasiisan hubachiisuu ragaan Ejansicharraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.