Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii dhibba 8 caale

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,009 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 19,364 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,009 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 16 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 809 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 612 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 18,994.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 52,131 qaqqabeera.
 
Namoonni 344 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 32,326 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 910,293 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.