Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee mallattoo Badhaadhina Afrikaa taasiisuuf hojjechuu itti fufna – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Yaadannoo Injifannoo Adwaatti argamuun qaamolee Misooma Koriidarii hojjetaa jiran jajjabeessaniiru.

Hojjettoota, Kontiraaktaroota, Gorsitootaa fi hoggantoota guyyoota ayyaanaa dabalatee sa’aatii 24 hojiilee misooma Koriidarii hojjetaa jiran hunda galateeffataniiru.

Daandiwwan lafa deemtootaa fi Tajaajila Geejjibaaf mijatoo akka ta’an, bu’uuraaleen misoomaa ummataa akka guutaman, Finfinnee akka maqaa ishee qulqulluu, mijjattuu fi hawwattuu taasiisuuf qaamolee itti gaafatamummaan dadhabbii malee hojjetan hunda maqaa Ummata magaalichaan galateeffataniiru.

Aadde Adaanach, Finfinnee mallattoo Badhaadhina Afrikaa taasiisuuf hojjechuu itti fufna jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.