Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti mootummaan Filannoon ala ce’u hin jiraatu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti mootummaan filannoon ala ce’uu fi gara aangootti dhufu kan hin jiraanne ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Ahimad ibsaniiru.
Tokkoon tokkoo lammiilee nageenyi waa hundaaf bu’uura ta’uu hubachuun filannoo keessatti sirnaan hirmaachuu akka qaban gaafataniiru.
Filannoo diimookiraataawaa, haqa qabeessa fi bilisaa taasiisuun Ityoophiyaa keessatti aangoon karaa nagaan akka darbuu fi mootummaa ummataan filatame ijaaruuf ni hojjenne jedhan.
Yaadni kanarraa hafe hin milkaa’uu, abjuudha jedhan fuul Feesbuukii isaaniin.
Sirni diimiikiraasii akka dagaagu hoggantoonni mootummaa, Paartileen siyaasaa, ummannii fi qooda fudhattoonni itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ummanni nageenyaaf dursa laachuun qaama barbaadan filachuu qabu jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.