Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalaataa 552 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, namoonni 15 ammoo lubbuun darbaniiru

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetin namoonni dabalataa 552 vaayrasii koroonaan qabamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 9203 hojjetameen namoonni 552 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni 15 ammoo lubbuun darbaniiru.

Namoonni haaraan 388 yoo dandamatan, waliigala namoonni 9,415 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 21,452 ga’eera.

Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 11,655 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Namoonni 174 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 380 ga’eera.

Hanga ammaatti namoota 478,017f qorannoon laabraatoorii hojjetameera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.