Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1086 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 16 darbeera

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa 1086 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 16 darbu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 14,688 hojjetameen namoonni 1086 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 394 yoo dandamatan, waliigala namoonni 11,248 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 26,204 qaqqabeera.

Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 14,295 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Namoonni 193 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 479qaqqabeera.

Hanga ammaatti namoota 550,119 f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.