Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 129 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 129 vaayrasii koroonaatin qabaman.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 5274 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 129 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Umriin isaanii waggaa 1 hanga 70 ta’uunis ibsameera.
 
79 dhiirota yoo ta’an, 50 dubartoota.
 
Hundiin Ityoophiyaanota jedhan Dooktar Liyaan.
 
Namoonni 2 lubbuun darbaniiru.
 
Namni umnii waggaa 30 Finfinneerraa, namni umrii waggaa 60 Dirree Dawaarraa lubbuun darbaniiru.
 
Namoota 129 keessaa 85 Finfinnee, 6 naannoo Amaaratii, 11 naannoo Tigraayii, 10 naannoo Somaaletii, 5 naannoo Oromiyaatii, 7 naannoo Kibbaa 4 Dirree Dhawaa, 1 naannoo Afaariyi.
 
Waliigalaan qorannaa amma ammaatti taasifamee 197,361 namoota 3,759 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.
 
Amma waliigalaan namoonni 2845 vaayrasichi kan irra jiru yoo ta’u, wallaansa cimaa keessa kan jiran 30.
 
Haaraa kan dandamatan 111 yoo ta’an, waliigalaan kan dandamatan 849.
Gara biyya isaanii kan deebi’an 2.
 
Namoonni 109 Finfinneerraa, namoonni 2 Dirree Dawwaarra dandamataniiru.
 
Namoonni 63 vaayrasichi Ityoophiyaa galuun ega baramee lubbuun isaanii darbeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.