Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1652 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 17 darbeera

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa 1652 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 17 darbu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbetti samuudaan namoota 22,252 hojjetameen namoonni 1652 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 377 yoo dandamatan, waliigala namoonni 12,037 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 28,894 qaqqabeera.

Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 509 qaqqabeera.

Namoonni 199 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Hanga ammaatti namoota 589,694f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.