Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 307 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 307 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 7 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,085f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 307 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Namoonni haaraan 961 dandamataniiru.

Namoonni 12,635 yaalarratti argamu.

Namoonni 232 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun nama 7 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,044 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 132,034 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.