Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 976 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 976 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 19,449 hojjetameen, namoota 976 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii15 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 933 darbeera.

Haaraan kan dandamata 482 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 21,789.

Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 59,648 qaqqabeera.

Namoonni 309 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
Yeroo amma vaayrasichi namoota 36,924 irratti argama.

Waliigalaan qorannaan laabraatoorii miiliyoona 1fi kuma 63 fi 454 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.