Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti torbanitti namoonni kuma 70-80 dhibee Busaan qabamaa jiru-Ministeericha

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti torbanitti namoonni kuma 70-80 dhibee Busaan qabamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ogeettiin To’annoo fi Ittisaa Dhibee Busaa Ministeerichaa Aadde Achaamyellesh Siisaay, yeroowwan darban caalaa dhibeen busaa dabalaa dhufuu ibsaniiru.

Yeroo ammaas sadarkaa biyyaalessaatti torbanitti namoonnni kuma 70-80 ta’an dhibechaan qabamaa jiraachuu eeruun, Finfinneen alattis naannolee hundaatti mul’atee jiraachuu kaasaniiru.

Jijjiiramni qilleensaa fi galteewwan ittisa dhibechaa sirnaan fayyadamuu dhabuun rakkochi akka babal’atu taasiseera jedhan.

Dhibecha ittisuufis bara kana Agoobarri miiliyoona 19.7 raabsamuu fi kanaan dura kan raabsame dabalatee Agoobarri miiliyoonaa 30 hawaasa harka akka jiru dubbataniiru.

Agoobarri tokko waggoota 3’f kan tajaajilu ta’uu eeranii, raabsaan agoobaraas naannawaalee raabsaan isaa waggoota sadii ol ta’etti kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Naannawaa tatamsa’inni dhibechaa mul’atuttis Addolessaa dhufuu eegalee hanga Fulbaanaatti biiffaan keemikaalaa manneen miiliyoona 1.5’tti kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Yeroo ammaa sadarkaa biyyaalessaatti hanqinni qoricha busaa akka hinjirre eeranii, akka waan hanqinni jiruutti kan ololamaa jiruu rakkochi kan mudate, naannoleen qorichaa isaan barbaachisuu yeroon fudhachuu dhabuurraan akka ta’e ibsaniiru.

Naannoleen hanqina qabanis Ministeeraa Fayyaa gaafachuun qoricha argachuu akka danda’an ibsaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.