Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Vaayrasiin Koroonaa Dabalataan Namoota 15 irratti Argame

Fifninnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) –– Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 15 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 3707 qoratameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 287 qaqqabeera.
 
Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 17 hanga 38 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira.
 
Namoonni 7 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.
 
Namoonni 7 ammoo seenaa imala alaa qabu.
 
Namni tokko ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qabu.
 
Namoonni 8 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,
namoonni 3 ammoo naannoo Soomaalee tursa dirqii Jigjiigaa keessa kanneen turaniidha.
 
Namoonni 2 Beeniishaalguul Guumz tursa dirqii Gubaa keessaa kanneen argamaniidhan.
 
Namni tokko iddoo tursa dirqii Samaraarraa ta’uu ministeerichi beeksiseera.
 
Inni tokko jiraataa naannoo Amaaraa yoo ta’u, iddoo tursa dirqii Matammaa keessaa argame.
 
Namoonni haaraan 4 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 112 qaqqabaniiru.
 
Namoonni 168 yaaalarratti argamu.
 
Waliigala namoota 48,985 qorannaan laabraatoorii taasifameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.