Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti wixineen qajeelfama itti fayyadama xiyyaara nama maleessaa qophaa’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Siiviil Aviiyeeshinii Ityoophiyaa wixinee qajeelfama itti fayyadama Xiyyaara nama maleessaa qopheessuu beeksise.
 
Naannoo qilleensa biyyattii too’achuu fi nageenyummaa isaa mijataa taasisuuf dhiyeessiin geejjiba qilleensaa akka jiraatu mirkaneessuuf wixineen qajeelfama itti fayyadama xiyyaara nama maleessaa (Droonii) qophaa’uu himameera.
 
Abbaan Taayitichaa itti fufiinsaan Eejansii Nageenya Infoormeeshinii ,Tajaajila Odeeffaannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, akkasumas qaama dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun yaada dhiyaatan wixinichaatti dabaluun ni raggaasisa jedhamee eeggama.
 
Wixineen qajeelfamichaa galchitoota Xiyyaara nama maleessaa, dhaabbilee yaalii balallii taasisan, hojii Drooniirratti bobba’an fi biyya keessatti walitti hidhan hammachuun kan qophaa’e ta’uu himameera.
 
Akkasumas wixinichi Xiyyaaroota mootummaan itti fayyadamu, Kaaytoonoota fi Baaluunoota taphachiisa ijoolee kan of keessatti hammatu ta’uu eerrameera.
 
Abbaan Taayitichaa Xiyyaaroota nama maleessa kana dura biyya keessa galan galmeessuuf qophii xumuruu isaa ibseera.
 
Waliigala wixinichi naannoo qilleensa biyyattii
Nageenyi isaa mirkanaa’ee fi amansiisaa ta’e taasisuuf yaaddame kan qophaa’e ta’uu ragaan Ministeera Geejjibirraa argame ni agarsiisa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.