Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti yaa’iin jalqabaa invatsimantii geejjibaa gaggeeffamuu eegale

 Finfinnee, Bitootessa 15, 2013 (FBC) – Ityoophiyatti yaa’iin jalqabaa invatsimantii geejjibaa gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichi har’aa fi Boru gaggeeffama jedhameera. Yaa’icharratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeen dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Karoora waggaa 10 ministeericha galmaan ga’uuf qaamni dhimmi ilaallatu hundi qooda isaa akka ba’u Preezdaant Saahilawarq dhaamaniiru. Waltajjicharratti misooma proojektii daandii 44, daandii geejjibaa, loojastikiis, dameewwan geejjibaa baaburaa fi xiyyaaraarratti ni mari’atamaan jedhameera.

Yeroo jalqabaaf Ityoophiyaan yaa’ii invastimantii geejibaa keessummeessuuf Yaa’icha irrattis dhaabbileen idil Addunyaa fi Invaastaroonni hirmaataa jiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.