Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan lammiilee sababa hongeefi waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii biiliyoona 1.3 taasisuufi

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015 (FBC) – Mootummaan Jaappaan lammiilee sababaa hongee fi waraanaan miidhamaniif deeggarsaa namoomaa kan oolu Birrii biiliyoonaa 1.3tti tilmaamamuu taasisuufi jedhame.

Deeggarsichis lammiilee Naannoolee Amhaara ,Afaar, Beenishaangul-Gumuuz, Tigraayii fi Somaaleetti argamaniif kan kennamu ta’uu ibsameera.

Naannolee kanneenitti lammiileen sababa hongeen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniif oola jedhameera.

Jaappaan deeggarsicha kan dhiyeessitu dhaabbiilee idil Addunyaa garaagaraa waliin ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Jaappaanirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.