Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramni biyyaalessaa kan dhaabbatummaa ta’ee akka itti fufuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha-Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Guyyootaan 6’n darbanitti mata duree “ilaalchaa siyaasaa haaraa fi jijjiirama biyyaalessaa haaraa” jedhuun leenjiin hoggantoota olaanoo magaalichaaf kennamaa ture xumurameera.

Waltajjii xumura leenjichaarraatti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, adeemsi jijjiirama biyyaalessaa qormaata heddummaatus, qormaaticha darbuudhaaf daandii ogummaa fi saayinsaawaa ta’een, qajeelfama hooggansaa hordofuun har’a ga’amuu leenjii kanarraa hoggansi muuxannoo argachuu himaniiru.

Adeemsa jijjiiramaatiin, hojiilee abdii qabeessaa hojjetaman qabataamaadhaan hubachaa leenjitoonni leenji’aa turuu himaniiru.

Leenjichiis gahee geggeessuummarratti kan xiyyeeffate ta’uu kan eeran Aadde Adaanach,  ijaarsa dhaabbatummaa, hojmaatni jiruu cimee itti fufuu akka qabu fi jijjiiramni biyyaalessaa kan dhaabbatummaa ta’anii akka itti fufaniif hundinuu qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Ijaarsi dhaabbatummaa paartii  cimaa mootummaa fi biyyaatiif murteessaa ta’uu eeranii, biyya fi mootummaa jabaa ijaaruun paartii jabaadhaan ta’uu dubbataniiru.

Aadde Adaanech hoggansi sadarkaan jiru raawwii jiru qindeesuun gaggeessuu qabu jechuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.