Fana: At a Speed of Life!

jilichi ijaarsa daandii cirachaa godina Booranaa aanaa Taltallee- Wandoo- Booree daawwate

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) –Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantitti Qindeesaan Kilaastara Baadiyaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamuu ijaarsa daandii cirachaa godina Booranaa aanaa Taltallee- Wandoo- Booree daawwate.
Ijaarsii daandii kun kiiloo meetra 90 kan dheeratu yoo tahuu, naannoo Oromiyaa fi naannoo Sabaa fi Sablammoota ummata kibbaa, godina Omoo Walqunamsiisa.
Ijaarsii daandii kunis walitti hidhiinsa naannolee lammeen cimsuuf baajata mootumma naannoo Oromiyaa Birri miilyoona 600 fi miiliyoona 60 bara 2011 walakka kan eegalee yoo tahuu, kontiraktaroota lamaan hojjatamaa jira.
Ijaarsii daandichaa wayita amma 94 % irra gahee akka jiruus Daayrektarri Olaanaa Abba Taayitaa Daandiwwan Oromiyaa Injinar Dajanee Fiqaaduu daawwicharratti kan himan.
Ijaarsii daandii kunsi rakkoo hawas- diinagdee hawaasni naannicha qabuu dabalataan walitti dhunfiinsa diinagdee naannolee lammeenis kan jabeesuudha jedhan injinar Dajaneen.
Daawwi kanan piroojeektoota buleeyyi harkifataa keessaa Hospitaalli Meegaa Aanaa Dirreetti argamuusi sadarkaa irra jiruu ilaalameera.
Hospitaalli waggoota baay’eef ijaarsi isaa osoo hin xumuramni komii tahaa ture bara kana xiyyeefannoo kennameen xumurameera.
Amma ariitiin hawaasaaf tajaajila gahaa kennuu akka dandahuuf meeshalee yaalaaf oolan guutama akka jiranis daawwicharratti ilalameera.
Hospitaalichii waan guutamuuf qabuu guutuun dafee tajaajila uummataaf akka kennuufis hordoofiin ni taasifama jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantitti Qindeesaan Kilaastara Baadiyaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen.
Mangashaa Daargeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.