Fana: At a Speed of Life!

Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa mana keessaa Addunyaarratti hirmaate Finfinnee gale

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Fiigicha Shaampiyoonaa mana keessaa Addunyaa19ffaarratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesse Finfinnee galeera.
Jilli kun shaampiyoonaa mana keessaa 19ffaa Iskootlaandi Magaalaa Gilaasgootti gaggeeffameerratti hirmaachuun waliigala meedaaliyaa 4 walitti qabachuun Afrikaarraa 1ffaa addunyaarraa ammoo 5ffaa ba’uun xumureera.
Jilichi har’a gara biyyaa deebi’eera.
Waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’uus Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnat, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu dabalatee qaamolee dhimmichi ilaallatuun simannaa hoo’aan taasiifamuufi TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.