Fana: At a Speed of Life!

Jilli Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa adeemsa filannoo Preezdaantummaa Gaanaa hordofe

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Jilli hoggantootaa fi hojjettootaa Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa adeemsa filannoo Preezdaantummaa Gaanaa hordofeera.
Jilichi turtii isaan adeemsa filannoo preezdaantummaa, hojiiwwan guyyaa sagaleen laatamu raawwatamanii fi adeemsa sagalee laachurratti of eeggannoo weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasiifame ilaaleera.
Akkasumas hojmaata dhaabbilee filannoo raawwachiiftuu, sadarkaa bu’aa lakkaawwii buufataalee filannoo naannoo, ida’amaa fi adeemsa sagaalee ifoomsuu daawwateera.
Hoggantoota Komishinii Filannoo Gaanaa waliin wal arguun maricha’uu isaa ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Jilli kun filannoo gaggeeffame taajjabuu cinaatti weerara vaayrasii koroonaa keessatti filannoo gaggeessuuf baajataa fi Loojastiksii barbaachisan filannoo Gaanarraa muuxxannoo argachuu isaa boordichi beeksiseera.
Filannoon waloo Preezdaantummaa Gaanaa Sadaasa 28, 2013 gaggeeffamuun isaa kan yaadatamuudha.
Filannichaan maanguddoon umrii waggaa 76 Naanaa Akufoo Adoo sagalee %51.6 argachuun injifachuun isaanii beekkameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.