Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Bariisoo Amaloon durfamu buufata hundagaleessa Dooraaleehi daawwate

Finfinnee, Eebla 22,2015(FBC)- Jilli Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Geejjiba Galaanarraafi Loojistiksii Dooktar Bariisoo Amaloon durfamu Jibuutiitti buufata hundagaleessa Dooraaleehi daawwateera.

Kana malees jilichi Dura Taa’aa Abbaa Taayitaa Buufataaleefi Naannawaa Daldala Bilisaa Idil Addunyaa Jibuutii Abuubakar Oomaar Haadiin waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, damee geejjiba galaanarraafi loojistiksiin tumsa biyyoonni lameen qaban haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Jibuutiitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Daawwannaan jilichaa damee geejjiba galaanarraafi loojistiksii Ityoophiyaafi Jibuutii guddisuu keessatti tarkaanfii guddaa ni ta’aan kan eegamu ta’uus eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.