Fana: At a Speed of Life!

Jilli hoggansa KFO magaalaa Sabbataatti deeggartootaa fi miseensota isaa waliin mari’ate

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Jilli hoggansa Koongirasii Federaalawa Oromoo magaalaa Sabbataatti deeggartootaa fi miseensota isaa waliin mari’ate.

Jilichi dhimmoota addaddaarratti deeggartootaa fi miseensota isaanii waliin mari’ataniiru.

Waltajjii marichaarratti filannoon biyyoolessaa bara kanaa Hagayya 2012 gaggeeffamu nagaa, haqa qabeessaa fi demokraatawa akka ta’u hunduu ga’eesaa ba’achuu qaba jedhameera.

Sanaafis hawaasni duursee of qopheessuu akka qabu waltajjicharratti kan argaman obbo Jawaar Mahaammad dubbataniiru.

Itti aanaan dura taa’aa Koongirasii Federaalawa Oromoo(KFO) obbo Baqqalaa Garbaan gaaffii fi yaada hirmaattotarraa ka’aniif deebii laataniiru.

Haaluma walfakkaatun paartichi guyyaa boruus magaalaa Burraayyuutti deeggartootaa fi miseensota isaa waliin ni mari’ata jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.