Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministirootaa fi hoggantootaa biyyoota Afrikaa Buufata Biqiltuu Lumee daawwate

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Jilli Ministirootaa fi hoggantootaa biyyoota Afrikaa qophii biqiltuu Avokaadoo sanyii filatamaa Buufata Biqiltuu Lumeetti dargaaggootan qophaa’aa jiru daawwateera.

Jilichi, galmoota gurguddoo arfan Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin qabaman keessaa galma gahiinsaa carraa hojii uumuun carraa hojii dargaggoota Aanaa Lumee biqiltuu avokaadoo qopheessan daawwataniiru.

Dargaggoonni kunneen carraa hojii uumameefiin kaappitaala Birrii miiliyoona 7.5 horachuun eerameera.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsa jilichaaf kennaniin, misoomni Avokaadoo sanyii filatamaa kun, waggoota afuriin dura buufata biqiltuu Godina Jimmaatti eegaluun yeroo ammaa buufataalee biqiltuu moodela ta’an 100 olitti misoomsuun avokaadoo gabaa alaatti dhiheessuun eegalameera jedhan.

Bara kana sanyii filatamaa avokaadoo miliyoona 2.7 dhaabuuf qophiin xumuramuun eeramuu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

Jilli kunis, hojii boonsaa dargaggoonni gurmaa’anii carraa hojii uummachuun guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee bahachaa jiran dinqisiifataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.