Fana: At a Speed of Life!

Jilli Naayijeeriyaa Itiyoophiyaatti misooma qamadiin muuxannoo qooddate

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Gareen jila Naayijeeriyaa Itiyoophiyaatti damee misooma qamadiin muuxannoo qooddateera.

Jilichi muuxannoo qooddatetti dabalataan Godina Shawaa Bahaa Aanaalee Abbichuuf Nyaa’aa fi Qimbibiitiitti kilaastara qamadii misoomaa jiru daawwataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Mokonnin daawwannicharratti, misooma qamadii jallisiin barana lafa hektaara miiliyoona 3 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 120 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiilee kanaan qamadii alaa galu hambisuun akka danda’ame ibsanii, wabii nyaataa fi sirna nyaataa mirkaneessuuf galii qonnaan bultootaa guddisuuf qaamolee fi dhaabbilee dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.