Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallisiin durfamu ijaarsa daandii Aspaaltii Wancii -Dandii daawwate

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu ijaarsa daandii Aspaaltii Wancii – Dandii daawwateera.

Proojektoota gurguddoo sagantaa ‘maaddii biyyaaf’ kaka’umsa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin hojjetamaa jiran keessaa, proojektiin Haroo Wancii isa tokkodha.

Ijaarsi proojektii misooma Haroo Wancii fi Dandii bakka Muummeen Ministiraa FDR. Abiy Ahimad argamanitti waggaa darbe eegalamuun ni yaadatama.

Haroo Dandii fi Wancii misoomsuun iddoo hawwata turiizimii gochuuf hirmaannaa ummataa, abbootii qabeenyaa fi mootummaan hojiin isaa jalqabame itti fufeera.

Haroowwan kunneen sagantaa proojektii ‘maaddii biyyaaf’ misoomsuun iddoo hawwata turiizimii gochuuf hojjatamaa jira.

Mootummaan Damee Turiizimiif xiyyeeffannaa kennee akkaataa carraa hojii lammiileef uumuu danda’utti hojjechaa jiraachuu Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Haroo Dandiirratti Loojii Ammayyaawaa ijaaruuf Dhaabbanni Itaalii ‘We Build’ Dhagaa bu’uuraas kaa’uu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.