Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaan durfamu sosochii qonnaa naannoo Oromiyaa daawwata jira

Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC)- Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamuu sochii qonnaa naannoo Oromiyaa daawwata jira.
Jilli kun, ministiroota deettaa fi hooggansa olaanoo mootummaa naannicha kan of keessatti qabatedha.
Naannichaatti kallatiiwwan xiyyeeffanno gama alergii bakka buusuu, oomisha alaa galu hambisuu, wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii uumuuf hojjetama jiru sadarkaa inni irra gahee daawwata jiru.
Milkaa’inna oomisha fi oomishtummaa naannicha dabaluuf fedhii qonnaan bulaa irratti xiyyeeffachuun tiraaktara qonnaaf oolan galchuu, sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan ga’uu, xaa’oo galchuu fi qonnaa naannicha ammayyeessuuf hojiin baay’inaan oomishuu keessatti waggoottan lamaan kanan hojjataman kallattii agarsiiftuu guddaa ta’uun himameera.
Oomisha keenya al-ergii irraa galii argamsiisuun diinagdeen biyyaa akka utubamu taasisuuf oomisha galtee qonnaa irraa argamanii fi beeyladaa irraa argamurratti fuulleffachuun yeroo dhiyyotti bu’aan abdachiisan mul’achuun agarsiiftuu guddaadha jedhameera.
Jilichi aanaa Duugdaatti kilaastera paappaayee oomishni isaa heektaara tokkorraa kuntaalli 40 hanga 50 argamus daawwateera.
Dhugaasaa Fufaatu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.