Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti bajaajiiwwan 355 ol ulaagaa barbaachisu hinguutin socho’aa turan to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Magalaa Jimmaatti baajaajiiwwan ulaagaa barbaachiisuu osoo hinguuttatiin socho’aa turan 355 ol to’achuu Eejensi Geejjibaa Magaalaa Jimmaa beeksise.

Eejensichatti Dursaan Garee Nageenya Tiraafikaa Obbo Abbaay Habtamuun, rakkoole gama nageenya tiraafikaan mudatu furuu fi kanneen seeraan ala magaalatti keessa socho’aa to’achuun seera qabeessummatti deebisuuf tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaatti Itti Gaafatamaan Diviizhinii To’annoo Nageenya Tiraafikaa Gargaaraa Inspeektaraa Argaachewu Galaan, baajaajiiwwan seeran ala socho’aniin, hawaasni magaalichaa saamicha garaagaraaf saxilamaa turuu yaadachiisan.

Kanaan duras Magaalatti keessatti ulaaga osoo hinguuttatin socho’uun, hawaasa taarifaa ol gaafachuu fi sochii tiraafikaa kanneen jeeqaa turan hojii saamichaa irratti bobb’an to’achuun seeratti dhiyaataniiru jedhan.

Hojiileen to’annoo fi seera kabachisuu ammallee cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.