Fana: At a Speed of Life!

Jimmatti Federeeshiniin Biskileetaa irra deebiin hundeeffamee

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2016 (FBC)- Magaala Jimmatti Federeshinin Biskileetaa irra deebiin hundeeffamuun hojii eegaleera.

Irra deebiin hundeeffamuu federeeshinichaa sababeeffachuun dorgommiin biskileetaa kiiloomeetira 30 gaggeeffameera.

Pireezidaantii Federeeshinii Biskileetaa magaalichaa Obbo Selaamuu Faariis akka jedhanitti, deebi’ee hundeeffamuun Federeeshinii Biskileetaa magaalichaa, ispoortessitoota ciccimoo horachuurra darbee hawaasa fayyaalessa horachuuf kan gargaaruudha.

Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Jimmaa Ahimad Abbaa Maccaan gama isaaniin, Magaalaan Jimma dorgoomtoota damee Ispoortichaa ciccimoo qabaachuun kan beekamtu ta’uu yaadachiisaniiru.

Dorgommiin Biskileetaa har’a gaggeeffames sababoota garaagaran waldorgommii badee fi dagatamee ture bakka duraatti deebisuuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.