Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni godina Geede’oo lammiilee godina Booranaa Hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 6 ol taasisan

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC) – Jiraattonni godina Geede’oo lammiilee godina Booranaa Hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu Birrii Miiliyoona 6 fi kuma dhibba 2tti tilmaamamu taasisan.

Dabalataan nyaata loonii qindaa’aa kuntaala 200 fi marga toonii 200 deeggarsa taasisuu ibsameera.

Deeggarsi walfakkaataan jiraattonni godinichaa lammiilee hongeen miidhamaniif taasisan kan itti fufu ta’uu Ittaanaan bulchaa godina Geede’oo obbo Zinaabuu Waldee ibsaniiru.

Ittaanaan bulchaa godina Booranaa obbo Abdusalaam Waariyoo gamasaaniin deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Biqilaa Tufaa fi Geetaachoo Mul’ataatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.